Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo fi Diggaatti Bilxiginnaan maatii qabsaa’otaa irra qoqqobbii kaa’uu, saamicha, hidhaa fi reebicha raawwachuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 3, 2024 

Qabsoo jechuun maal akka ta’e hiikuma isaa kan hin beekne ergamtoonni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhuu, saamuu fi ajjeesuun akka waan qabsoon bilisummaa Oromoo baduu itti fakkaachuun goleewwan Oromiyaa cufa keessaa maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffachuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.

Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Abootee Dhidheessaa keessaa torban darbe keessa murni jaalalaa fi tokkummaan waliin jiraachuu uummata Oromoo hin jaallanne Bilxiginnaan maatii qabsaawotaa jireenya hawaasummaa kanneen akka afooshaa,  gaafa gaddaa fi gammachuu waliin jireenya  hawaasummaa waliin qabaatan kana hundumaa ala taasisanii jiraachuu maddeen himan.

Kana malees gandicha keessaa bosonni kamuu ciramee akka badu murta’ee jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Ergamtoonni bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamanii, waa’ee dantaa saba irraa dhalatanii dhimma tokko illee kan hin qabne ta’uun, qarshiif jecha  hawaasa nagaatti afaan qawwee galaagalfachuun dararaa ulfaataa geggeessaa jiru.

Aanaa Diggaa bakka addaa Morokkos jedhamu irraa dubartoota maqaan isaanii Aadde Masaratee Baqqalaa fi Yaadatee Abarraa Lammii jedhaman badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun ukkaamsanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen himaniiru.

Guyyuma kana ganda kana keessaa lukkeeleen saamicha raawwachuuf bobbaafaman kunneen namoota maqaan isaanii Daammanee fi Tasfaayee jedhaman jalaa dukkaana isaan qaban guutuu isaa hanga harki isaanii danda’e saamanii deemuu fi nama Amansiisaa Baqqalaa jedhamu immoo “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun reebicha ulfaataa irratti raawwatanii deemuu jiraattonni gandichaa itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version