ONM-ABO Fulbaana 26, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Tokkummaa Tsigee keessaa Fulbaana 23, 2025 waraanni faashistii PP dubartii maqaan ishee Aadde Biraanee Dabalaa jedhamtu badii tokko malee qe’ee fi maatii ishee irraa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aadde Biraaneen nama nagaa hawaasa naannoo biratti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa qabduu fi hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu osoo hin qabaatin sababa Oromummaa ishee qofaaf kan yakkamte ta’uu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Ergamtootni bututtuu impaayera Itiyoopiyerattii tiksuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaafaman ilmaan Oromoo hunda saalaa fi umriin osoo adda hin qoodin maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun sarbamiinsa mirga namoomaa irratti raawwachuu hammeessanii jiru.

