ONM-ABO Muddee 26, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa qawwee of harkaa qabanitti dhimma ba’uun uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa ciggaassisoo ta’anii fi safuu fi duudhaa uummatichaa cabsan garaa garaa raawwachaa oolu.
Aanaa Saasiggaa ganda Tokkumaa Tsigee magaalaa Tsigee keessaa torban darbe keessa loltoonni sirnichaa maqaa farra riphee lolaa jedhuun of waaman nama sadii ta’uun maanguddoo haadha ijoollee torbaa kan maqaan ishee hin eeramne dabaree itti wal jijjiiruun gudeeddaa suukkanneessaa ta’e irratti raawwachuun miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxiluun, du’aa fi jireenya gidduutti hambisanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees loltoonni safuu fi safeeffannaa hawaasichaa hin beekne kunneen hawaasa nagaa irratti gochoota ciggaasisoo raawwatan hammeessuun, yerooma walfakkaatu magaalicha keessatti daldalaa maqaan isaa hin eeramne tokko badii tokko malee qawwee harkaa qabaniin mataa isaa keessa dhaanuun buqqee mataa isaa jigsanii kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun himan.
Akka maddeen himanitti, namni kun jiraataa magaalaa Naqamtee kan ta’ee fi hojii dhuunfaa isaa dukkaana daldaluun kan of jireessu ta’uu himuun, innis daldalaaf gara magaalaa Tsigee deemuun hojii guyyaa xumuree galuuf meeshaalee daldalaa osoo walitti qabachaa jiruu, osoo hin argin akka tasaa uffata loltoota PP wayita tuqutti, maaliif nutti buute jechuun gara jabina hamaadhaan osoo daldaaltoonni hedduun hin ajjeesinaa jedhanii iyyanii miidhanii deemuu dubbatu.

