ONM-ABO Waxabajji 20, 2023
Hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi gochootni farra jiruu fi jireenya dhala namaa agarsiisa goolabbii bara bittaa abbootii irree ta’uu dhaga’aa fi argaa kan turre yoo ta’u, haalli koloneel Abiy Ahimed har’a ittiin impaayerattii of jalatti cabsuuf dhama’aa jirus tooftaa kaleessa koloneeffattootaan dhimma itti ba’aamaa turee fi muddama keessaas isaan baasuu dadhabe ta’uun ni hubatama.
Bifuma kanaan godina Wallagga bahaa aanaa Saasiggaa ganda Tsigee keessatti waxabajji 13, 2023 waraanni PP dargaggoota lama qabuun hidhaatti darbatanii dararaa jabaa irraan ga’aa jiraachuu jiraattotni dubbatu.
Aanaa Saasiggaa bara bulchiinsa Bilxiginnaa kana ajjeechaan waraana sirnichaa fi Faannoon geggeeffamu daangaa darbee kan jiru yoo ta’u, har’as gochi kun dhaabbachuu dadhabuun miidhaan uummata irra ga’aa jira.
Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa fi kanneen biroo keessatti ukkaamsaa, saamichaa, hidhaa fi ajjeechaan itti fufee akka jiru jiraattotni himaniiru.

