Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhaa fi ajjeechaan aanaa Saasiggaa keessatti jiraattota irratti waraana faashistii PPn raawwachaa jiru jabaate

ONM-ABO Amajjii 17, 2024

Bilxiginnaan humnoota waraanaa qabu caasaa isaa gubbaa jiru hanga gadiitti hawaasa Oromoo irratti bobbaasee ajjeechaa sukanneessaa geggeessaa jiru jabeessee itti fufuun godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Loomicaa fi ganda Baloo 2ffaa jedhamu keessatti Amajjii 13, 2024 namoota nagaa lama ajjeesuun himame

Namoota ajjeefaman kanneen keessaa jiraataa ganda loomicaa kan ta’e hanga ammaatti maqaa kan hin argatin jirru,uffannaa waraanaa itti uwwisuu fi rifeensa namtolchee itti kaa’uun ajjeechaa akka irratti geggeessaan Kan himame yoo ta’u,jiraataa ganda Baloo 2ffaa kan ta’e ammoo abbaa ilmaan 6 kan ta’e Aliyyii Bakar kan jedhamu ajjeesuun lafarra akka gottotan jiraattotni ONMtti himan

Amajjii 14, 2024 aanuma Saasiggaa ganda Hora-waataa buufata 8ffaa jedhamu keessaa namoota baay’inni isaanii 25n ta’e qabuun achi buuteen isaanii kan hin beekamne yoo ta’u,namoota arganne muraasni maqaan isaanii Mulgeetaa Immiruu,Malkaamuu Taasisaa, Eliyaas Booroo, Malkaamuu Booroo,Tasfaa Iddoosaa,Mulaatuu Tarraafee fi Kadiroo Taraffee kanneen jedhaman kan hammaaf maqaan nu ga’e warreen hangafaa ta’uun beekameera.

Exit mobile version