Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti namoota hidhaatii baasuun dhabamsiisuu, saamichii fi reebichi waraana faashistii PPn jabaate

ONM-ABO Amajjii 19, 2024

Impaayerri Itoophiyaa jaalala saba isheetiif kan hin qabne yeroodha yerootti akkaataa ittiin nama balleessan soquun uummata nagaa mirga uumamaa isaa sarbuu bira darbee humnaan adda waraanaatti guuranii deebisanii ammoo sabuma irraa dhalatanitti baasuun dararaa kan raawwachisaan yeroo ammas daran jabeessanii jiru.

Dargaggoo Maatiwos Tasgaraa kan jedhamu jiraataa godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Haroo Guddinaa bulchinsa magaalaa jimaataa kan ta’e Amajjii 14, 2024 humnoota waraanaa Impaayera Itoophiyaan qabamee guyyaa tokko achumatti hidhamee yeroo ammaa eessa buuteen isaa wallaalamee jira jechuun Kan himan maddeen, dargaggoon Kun nama umurii 18 akka ta’etu himama.

Dabalataanis Gammachuu Ittafaa fi daa’ima umurii 11 kan taate Leensaa Amaanee Kan jedhaman reebichi karaa waraana kanaa irratti taasifamuun bilbillis harkaa kan saamame yoo ta’u, Ibrihaam Buukeessoo fi Abdullakiim Amantee kan jedhaman Dunkaana isaanii saamuun bilbiloota isaanis harka akka fuudhatan maddeen dabaluun dubbatu.

Exit mobile version