Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa fi Guutoo Giddaa keessatti hidhaa fi saamichi waraana faashistii PPn jabaate

ONM- ABO Amajjii 26, 2024

Dararaan murni bilxiginnaa Impaayera Itoophiyaa keessatti namoota sanyiin fo’ee ergama badii sirnoota darbanii milkeessuuf qabatee socho’aa jiru dhiibbaa dinagdee fi siyaasaatiin ilmaan Oromoo hubaatii guddaaf saaxilaa jira

Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Odaa bakka addaa Damboo jedhamutti Amajjii 22, 2024 qonnaan bulaa tokko Kan maqaan isaa Abiraam Addunyaa jedhamu yakka tokko malee milishootni sirna bilxiginnaan qabuun reebicha guddaa irratti taasisuun miidhaa qaamaatiif erga saaxilaniin booda yeroo ammaa mana hidhaa aanichaatti darbuun dararaa jiru jechuun dubbatu

Dabalataanis godinuma baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessatti jiraattota daandii gubbaa deeman cufa doorsisni fi saamichi karaa waraana sirna bilxiginnaa irratti adeemsifamaa akka jiru jiraatan aanichaa Kan himu, maallaqa baay’inni isaa 1000 ta’e namoota sodaachisuun harkaa guuraa akka jiranis dubbata

Guyyaa dheengaddaas ganda Gaaddisa Odaa keessatti obbo Alishoo Umar nama jedhamu reebuun Naasir Ammayyuu Kan jedhamu ammoo rasaasaa itti dhukaasuun lubbuun fiigee ba’uu isaa ONM odeeffateera

Exit mobile version