ONM-ABO Amajjii 20, 2026
Godina Baha Wallaggaa, aanaalee Saassiggaa fi Guutoo Giddaa keessatti rakkoon nageenyaa fi himannaan sarbiinsa mirga dhala namaa hammaataan raawwatamaa akka jiru jiraattonni naannoo ibsaniiru. Hidhaa seeraan alaa, doorsisaa fi reebichi hamaan uummata irratti raawwatamaa jiraachuun odeeffannoo jiraattota irraa argameen mul’ataa jira.
Akka jiraattotni ibsanitti, godina Baha Wallaggaa, aanaa Saassiggaa ganda Haroo Fayisaa, bakka addaa Sillaahoo jedhamutti, gaafa Amajjii 16, 2026 shamarran obbolaa ta’an lama:
- Zartuunee Waaqgaarii fi
- Daraartuu Waaqgaarii,
osoo gabaa deemaa jiranii humnoota nageenyaa faashistii Bilxiginnaan qabamanii hidhaman.
Jiraattonni akka jedhanitti, shamarran kunneen “Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin quunnamtii qabdu” jechuun himatamanii gara waajjira ganda Haroo Fayisaatti geeffamuun hidhamanii jiru. Ta’us, jiraattonni naannoo itti dabaluun, shamarran kun barnoota isaanii qofaan kan beekaman yoo ta’u, dhimmoota siyaasaa kamiyyuu keessatti hirmaannaa akka hin qabne ibsaniiru.
Dhimmichi aanaa Saassiggaatti qofa kan daangeffame osoo hin taane, aanaa Guutoo Giddaa keessattis himannaan walfakkaataan dhaga’amaa jira.
Aanaa Guutoo Giddaa, ganda Fayisaa, bakka addaa Maadaraa jedhamutti, humnootni PP hidhatanii socho’an ajaja koloneel Abiy Ahimediin maqaa gibiraa jedhuun, gaafuma Amajjii 16 namoota sadii kanneen maqaan isaanii:
- Dastaa Deessisaa,
- Culee Abdiisaa fi
- Bookaa Tolaa
jedhaman qabanii erga hidhanii booda, mana hidhaatti reebicha hamaa irraan ga’aa jiraachuun ibsameera.
Jiraattonni akka jedhanitti, namoonni kunneen himannaa ifaa fi seeraan deggarame malee qabamanii, miidhaa qaamaa fi doorsisaa hamaa jala jiru.
Haalli aanaalee lamaanuu keessatti mul’atu kun, akka qorattoonni mirga dhala namaa jedhanitti, uummata idilee sodaa fi shakkii keessa galchuun, jireenya hawaasummaa fi dinagdee irratti dhiibbaa guddaa uumaa jira.

