ONM-ABO Muddee 26, 2024
“Ani duunaan margi hin margin jette harreen” akkuma Oromoon jedhee makmaaku, murni Bilxiginnaa kufaatii isaatti amanee waan qabee gadi lakkisu wallaaluun, itti fakkeessaan ijaarsa bu’uuraalee faarsaa wantoota ilma namaaf bu’uura jireenyaa ta’an ammoo uummata Oromoo jalaa akkuma fedhan barbadeessaa jiru.
Aanaa Saasiggaa ganda Tokkumaa Tsigee magaalaa Tsigee keessatti wayita ammaa maqaa ijaarsa daandiitiin manneen jireenyaa, manneen daldalaa, biqilootaa fi qabeenya hawaasni cina daandiitii qabu cufa ergamtoonni sirnichaa garaa isaanii qofaaf bulan afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun beenyaa tokko malee kaasisaa kan jiran ta’uu jiraattonni magaalaa Tsigee irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Daandiin kun magaalaa Naqamtee irraa ka’uun naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa godina Buree jedhamu kan wal quunnamsiisu yoo ta’u, ijaarsa daandii kanaafis dhagaan bu’uuraa waggaa dheeraa dura bara mootummaa Wayyaanee Obbo Alamaayyoo Atoomsaan kan dhaabbatee fi hanga yoonaattis sababa ergamtoonni sirnichaa baajeta ijaarsaaf ramadame saamanii faayidaa dhuunfaa isaanii irra oolfatanii fi sababoota garaa garaa hin beekamneen lafarra harkifachuun dhibbantaa tokkollee hin hojjetamin jiraachuun itti dabaluun ibsameera.
Haaluma wal fakkaatuun godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Ukkee keessatti ammoo ijaarsa haaraa waliin isaa hin beekamne maqaa “Koliidarii” jedhu moggaasuun Muddee 23, 2024 manneen daldalaa fi manneen jireenyaa yeroo gabaabaa gidduutti humna keessaniin diigaa kaafadhaa, yoo hin diiggattan ta’e ammoo ofii keenyaa diignee mancaasnee maallaqa isaa nuuf kaffaltu jechuun akeekkachiisaa kan turan ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

