Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree keessatti dargaggoo tokko ajjeessuun, ona Limmuu Galiilaa keessatti ammoo uummata nagaa irratti meeshaa waraanaa gurguddaa dhukaasuun uummata shororkeessaa turan

ONM-ABO Hagayya 12, 2023

Ilmaan Oromoo eenyummaa isaanii kan uumaan isaaniif kenneen yakkamuun akka horiitti ajjeefamaa fi dararaa argaa jiru.

Hagayya 8, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baabboo Kuwee jedhamutti waraanni rayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa dargaggoo Daani’eel Abboomaa jedhamu gara mana maatii isaa deemuun osoo maatiin isaa ilaalanii gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessan.

Dargaggoon Daani’eel waqtii barnootaa barnoota isaa barachuu fi maatii isaa deggeruu irraan kan hafe badii tokko illee osoo hin qabaatin Oromummaa isaa qofaaf ajjeefame.

Oduu biraatiin Roobii darbe 9, 2022 ona Limmuu bakka addaa Dhagaa Booraa Koroomii Daruu jedhamutti meeshaalee waraanaa gurguddaa kan akka Moorteraa, Zu 23, Dishqaa fi kanneen biroo hedduu uummata nagaa oyiruu qonnaa keessaa hojii dhuunfaa isaanii geggeeffatan irratti dhukaasuun shororkaa uumaa fi qabeenya uummataallee mancaasuu maddeen himaniiru.

Exit mobile version