ONM-ABO Guraandhala 1, 2025
Aanaa Sibuu Siree gandoota akka, Bujjuuraa fi Baabboo Kuwee jedhaman keessaa Amajjii 28, 2025 Cimduu Shibbiruu fi Mulaatuu namoota jedhaman jalaa ergamtoonni Bilxiginnaa, badii tokko malee loon 8 saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, aanichuma ganda Baddeessaa Abbaa Garmaamaa irraa ammoo Amajjii 30, 2025 abbaa fi ilma kanneen maqaan isaanii;
1. Darajjee Oljirraa fi
2. Saamu’eel Darajjee jedhaman waraanni sirnichaa loon maatii kanaa erga jalaa ooffatanii booda hoggaa loon harkaa badan, abbaa fi mucaa isaa sababa tokko malee fuudhanii deemuun hidhanii jiraachuu maddeen himan.
Godinuma kana aanaa Waamaa Hagaloo keessatti ammoo dararaan maatii qabsaa’otaa irratti raawwatu daangaa darbuun, ganda Buttujjii Qassoo iddoo addaa Qassoo jedhamu irraa Amajjii 30, 2025 nama maqaan isaa Obbo Surraa Ittaanaa jedhamu maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun oomisha midhaan nyaataa inni ooyiruu irraa qabuu fi kan namoonni ollaa isaa lafa isaa irra qixxee qotan hunda tokko osoo hin hambisin uummata dirqamaan baasanii calleesisuun guutummaa isaa konkolaataa 5 guutuu fe’atanii gara magaalaa aanichaa geeffatanii kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Obbo Surraan sababuma ilma isaaniitiif baatii 2 dura qabamanii hidhaatti darbatamuun garmalee dararamaa kan jiran yoo ta’u, namoonni hedduun oomisha qixxee ooyiruu isaanii irraa qabanis saamicha kanaan gaaga’amuun gatiin dafqa isaanii dhadhaa ibidda buute ta’uun himamee jira.
Maqaan namoota kanneeniis:
- Kabaa Ittaanaa,
- Guuttataa Tolasaa,
- Habtaamuu Mitikkuu,
- Bakiree Badhaasaa,
- Lammaa Beekumaa,
- Fayisaa Badhaasaa,
- Dirribaa Kabbadaa fi kanneen biroo hedduu ta’uun eeramee jira.
Gandicha keessaa maatii qabsaa’otaa miseensa maatii keessaa nama tokko osoo hin hambisin qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun jumlaan hidhanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, isaanis Amajjii 29, 2025 mana hidhaa ganda Buttujjii Qassoo irraa dhoksaan baafamuun, gara aanaa Nuunnuu Qumbaa geeffamuun waajjira poolisii magaalaa Adareetti hidhamanii kan jiran ta’uun ibsameera.

