ONM-ABO Amajjii 29, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Agaloo Tuulamaa bakka addaa Gabaa Agaloo jedhamutti loltoonni Bilxiginnaa Amajjii 23, 2025 naannoo sa’atii 9:00’tti nama maqaan isaa Waganee Alamuu jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf rasaasa itti roobsanii ajjeesanii bakkeetti gatanii deemuu maddeen itti dhiheenyaan beekan ONM’tti himan.
Ganduma kana keessaa Amajjii 24, 2025 nama maqaan isaa Waldee Likkasaa jedhamu yakka tokko malee dukkaana isaa cabsanii seenuun qabeenyaa inni dukkaanicha keessaa qabu guutummaa isaa erga saamanii booda, loon 9 jalaa ooffatanii isas fuudhanii deemuun reebicha ulfaataa ta’e irratti raawwatanii, Amajjii 25, 2025 gara galgalaa naannoo sa’atii 12:00’tti bakka addaa Kooraa jedhamutti geessuun haala nama suukkaneessuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii daandii irratti gatanii deemuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.
Akkasumas Amajjii 24, 2025 nama Obbo Dirribaa Dhaabaa jedhamu jalaa loon 5 saamuun reebicha hamaa irraan gahanii hidhaatti darbachuun ibsameera.
Kana malees, lukkeeleen kunneen namoota maqaan isaanii Cimdeessaa Gammachuu fi Milkeessaa Igguu jedhaman Amajjii 24, 2025 ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu fi nama maqaan isaa Ayyaanaa Dirribaa jedhamu immoo mana isaaniitii qabanii deemuun hanga gabaasni kun qindaa’etti achi buuteen isaanii dhabamuun himamee jira.

