• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjootti loltoonni faashistii PP hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu hammeessan 

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 10, 2025 

Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Abootee Dhidheessaa keessaa Ebla 8, 2025 dargaggoo maqaan isaa Toleeraa Shaambaal jedhamu waraanni faashistii PP badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, loltoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamta” jedhu itti maxxansanii hidhuu dubbatu.

Duula duguuggaa sanyii Koloneel Abiy Ahimediin uummata Oromoo irratti labsame raawwachuuf dirqama fudhatanii kan bobbaafaman loltoonni faashistii PP, goleewwan Oromiyaa keessaa guyyaa guyyaan hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa gara jabinaa hawaasa nagaa irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading