ONM-ABO Ebla 10, 2025
Aanaa Warra Jaarsoo ganda Faajjii Ejersaa jedhamu irraa Ebla 8, 2025 irraa eegaluun lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 3,000-6,000’tti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanicha guutummaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen irra deddeebiin hawaasa harka qalleeyyii irratti saamicha daangaa darbe raawwachaa jiraachuu irraan kan ka’e, wayita ammaa kana hawaasni ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan wal dhaansoo wal qabaa jiraatu gara itti deebi’u dhabee rakkoo hamaa keessa kan jiru ta’uu itti dabaluun eeranii jiru.
Lola keessaa impaayerri Itiyoophiyaa keessummeessaa jirtuun kufaatii dinagdee hamaa ishee mudate irraa baraaruuf jecha ergamtoonni Bilxiginnaa uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan gidiraa hamtuu keessa jiru afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun saamicha ulfaataa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

