ONM-ABO Caamsaa 8, 2025
Aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Angar keessatti waraanni maafiyaan Abiy Ahimed kanneen naamusa waraanummaa hin qabne, wayita maatiin ijoollee shamarranii gara gabaatti ergatan, baajaajii fi doqdoqqee irraa buusanii gara mooraa waraanaa geessanii gudeeddaa irratti raawwatanii ari’uu fi kaan ammoo humnaan fuudhanii waliin jiraachaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Yeroo ammaa kanas, maatiin nageenya ijoollee isaaniif yaaddoo guddaa keessa seenanii manneen barnootaa irraa dhorkuun mana firaa fi gara magaalota kanneen birootti galchaa kan jiran yoo ta’u, haala kanaan egereen haadholiis ta’e abbootii warraa daa’imman isaa bakka sirriin ga’uu hedduu yaaddessaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Kana malees, godinuma kana aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waayyuu Saqaa jedhamu keessatti ammoo jaleewwan Bilxiginnaa kunneen Ebla 28, 2025 namoota hedduu gabaa irraa gara manaatti galaa jiran irratti reebichaa fi saamicha raawwachuun ibsamee jira.
Namoota saamichi irratti raawwate keessaa:
- Maammee Dabtaraa fi
- Zaakir Kadir kanneen jedhaman jalaa qarshii 40,000 ol saamanii jiraachuu
maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

