• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti loltoonni faashistii PP shamarran Oromoo irratti sarbamiinsa mirga namoomaa yoo raawwatan, jiraattota Aanaa Jimmaa Arjoo irratti ammoo saamichaa fi reebicha raawwachuun himame

May 8, 2025

ONM-ABO Caamsaa 8, 2025 

Aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Angar keessatti waraanni maafiyaan Abiy Ahimed kanneen naamusa waraanummaa hin qabne, wayita maatiin ijoollee shamarranii gara gabaatti ergatan, baajaajii fi doqdoqqee irraa buusanii gara mooraa waraanaa geessanii gudeeddaa irratti raawwatanii ari’uu fi kaan ammoo humnaan fuudhanii waliin jiraachaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Yeroo ammaa kanas, maatiin nageenya ijoollee isaaniif yaaddoo guddaa keessa seenanii manneen barnootaa irraa dhorkuun mana firaa fi gara magaalota kanneen birootti galchaa kan jiran yoo ta’u, haala kanaan egereen haadholiis ta’e abbootii warraa daa’imman isaa bakka sirriin ga’uu hedduu yaaddessaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Kana malees, godinuma kana aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waayyuu Saqaa jedhamu keessatti ammoo jaleewwan Bilxiginnaa kunneen Ebla 28, 2025 namoota hedduu gabaa irraa gara manaatti galaa jiran irratti reebichaa fi saamicha raawwachuun ibsamee jira.

Namoota saamichi irratti raawwate keessaa:

  1. Maammee Dabtaraa fi 
  2. Zaakir Kadir kanneen jedhaman jalaa qarshii 40,000 ol saamanii jiraachuu 

maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading