ONM-ABO Fulbaana 30, 2024
Murni bilxiginnaa, loltoota isaa golee Oromiyaa baadiyyaa fi magaalaa cufatti bobbaasuun hawaasa nagaa irratti miidhaa garaagaraa raawwachiisaa jiraachuu irraan kan ka’e, yeroo ammaa uummanni yaaddoo nageenyaa hamaa keessa galee jira.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun jabaatee jira.
Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Hara Gabatoo jedhamu keessatti Fulbaana 10, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Darajjee Hordofaa
- Jaallannee Olqabaa
- Waggarii Tamasgeen
- Tamasgeen Maammoo
- Geetaa yaadataa
- Amaaree Tamasgeen fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee maqaa ilmaan keessanii fi obbolaa keessantu miseensa WBO’ti jedhuun waajjira poolisii onichaatti gaaffii seeraa tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

