• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallagga Aanaa Jimmaa Arjootti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun cimee itti fufe

Oct 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Murni bilxiginnaa, loltoota isaa golee Oromiyaa baadiyyaa fi magaalaa cufatti bobbaasuun hawaasa nagaa irratti miidhaa garaagaraa raawwachiisaa jiraachuu irraan kan ka’e, yeroo ammaa uummanni  yaaddoo nageenyaa hamaa keessa galee jira.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun jabaatee jira.

Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Hara Gabatoo jedhamu keessatti Fulbaana 10, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Darajjee Hordofaa
  2. Jaallannee Olqabaa
  3. Waggarii Tamasgeen
  4. Tamasgeen Maammoo
  5.  Geetaa yaadataa
  6.  Amaaree Tamasgeen fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee maqaa ilmaan keessanii fi obbolaa keessantu miseensa WBO’ti jedhuun waajjira poolisii onichaatti gaaffii seeraa tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading