Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti hidhamtoonni maqaa siyaasaan hidhamanii jiran nyaata dhorkamaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Sadaasa 2, 2024 

Bilxiginnaan loltoota qabu hunda ilmaan Oromoo irratti bobbaasee maqaa garaa garaa itti maxxansee ukkaamsuun hidhaatti darbatee garmalee dararaa kan jiru yoo ta’u, kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hidhamtoonni maqaa siyaasaan hidhamanii jiran nyaata dhorkamaa jiraachuun ibsameera.

Godina Qellam Wallaggaa aanaa Qaawoo Qeebbeetti hidhamtoonni maqaa siyaasaan waajjira poolisii aanichaatti sobaan yakkamuun hidhamanii badii tokko malee dararamaa jiran nyaata gahaa dhabuun dhukkuboota adda addaan miidhamaa kan jiran ta’uu fi haalli qabiinsa isaanii dhukkubaaf kan isaan saaxilu ta’uu maatiin hidhamtoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Oduuma wal fakkaatuun godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti loltoonni bilxiginnaa hidhamtoota irraa  nyaata kutanii jiraachuun ibsameera.

Nama maqaan isaa Naggasaa Bultii jedhamu  jiraataa ganda Meettaa kan ta’e maatiin isaa nyaata akka hin geessineef dhorkuu fi ijaan illee akka wal hin agarre ittisanii jiraachuu maatiin isaa himanii jiru.

Kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti sabboontota ilmaan Oromoo sobaan yakkuun ukkaamsanii hidhaatti erga darbatanii nyaata irraa kutuun mana tokko keessatti baay’inaan hidhanii  dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version