Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Nooleetti ilmaan Oromoo hedduun yeroo dheeraaf waajjira poolisiitti hidhamanii dararamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 27, 2025 

Aanaa Sayyoo Noolee waajjira poolisii magaalaa Dabbasoo keessatti ilmaan Oromoo hedduu sababoota sobaa garaa garaatiin yakkamuun gaaffii seeraa tokko malee yeroo dheeraaf hidhamanii jiran ergamtoonni Bilxiginnaa halkan halkan mana hidhaa keessaa gadi baasanii reebicha ulfaataa fi gochoota gara jabinaa suukkanneessoo ta’an irratti raawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Hidhamtoonni kunneen ragaa qabatamaa fi gaaffii seeraa tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi loojistikii WBO’ti” jedhuun hidhamanii hiraarfamaa kan jiran yoo ta’u, wayita  ammaa kana nyaatas irraa kutanii beelaan laaffisuun  dhibee garaa garaaf akka saaxilaman taasisaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa ilmaan Oromoo hunda xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne maqaa addaa addaa itti maxxansanii yakkuun dararaa ulfaataa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaafis hawaasni ba’ee galuuf illee yaaddoo hamaa keessa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version