ONM-ABO Fulbaana 18, 2025
Arsii Bahaa aanaa Suudee bakkeewwan garaa garaa keessaa ilmaan Oromoo hedduun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gara aanaa keenyaatti galchitanii fi nyaata kennituuf” jedhuun yakkamanii gaaffii seeraa tokko malee baatii hedduuf waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuun ibsameera.
Aanaa Suudee ganda Lacee Darrabbaa irraa baatii tokkoo oliif namoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Obbo Gannaa Saaliyuu fi ilma isaa
- Hayyuu Gannaa kanneen jedhaman ta’uun beekameera.
Hidhamtoonni kunneen hidhaa irra gadi lakkifamuuf illee kaffaltii humnaan olii qarshii 30,000-50,000’tti gaafatamaa kan jiran yoo ta’u, haaluma kanaan abbaa maatii kan ta’e namni maqaan isaa Ajaabbee Sulxii jedhamu torban darbe keessa qarshii 30,000 kaffalee gadi lakkifamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Murni yeroo kamiyyuu rakkoo hawaasaaf furmaata kennuu hin feene Bilxiginnaan, yeroo adda addaatti eegdota teessoo isaa goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti badii isaanii malee yakkawwan garaa garaa raawwachiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

