Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Nooleetti shiftoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti saamicha raawwatan

ONM-ABO Ebla 14, 2025 

Aanaa Sayyoo Noolee ganda Guutee Mikaa’el jedhamu keessatti Ebla 11, 2025 jaleewwan sirnichaa uummata daldalachuuf gabaa dhaqe afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun hanga humni isaanii danda’e saamaa kan turaniin cinatti “qaraxa” jechuunis kaffaltii nagahee hin qabneen nama tokko irraa qarshii 500 guuraa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, aanicha keessatti ilmaan Oromoo hedduun maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun yakkamanii gaaffii seeraa tokko malee yeroo dheeraaf waajjira poolisiitti hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kufaatii dinagdee impaayera Itiyoophiyaa mudateen madda galii guddisnaa da’oo godhachuun, yeroo garaa garaatti jaleewwan isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun saamicha ulfaataa ta’een dinagdee hawaasa nagaa quucarsaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version