Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti caasaan bilxiginnaa uummata saamuun waajjira ijaarrachaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Adoolessa 22, 2024

Tiksitoonni imphaayera bututtuu Itiyoophiyaa sirna isaanii jigaa jiru suphuudhaaf jecha ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii gandoota adda addaatti lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuun waajjira gandaa ijaaraa jiraachuun beekameera.

Gandoota akka: Lalistuu Qidaamee, Lalisaa Biyyaa fi Geemboo Sillaasee jedhamanitti ergamtootni bilxiginnaa uummata dirqamsiisanii qarshii shantama-shantama irraa sassaabbachuun waajjira gandaa ijaarrachaa jiraachuu maddeen keenya itti dhiyoo eeraniiru.

Haaluma wal fakkaatuun, lukkeeleen kun jiraattota gandoota kanneenii irraa midhaan nyaataa kiilogiraama kudhan-kudhan dirqamsiisuun saamaa jiraachuu fi namoota ”hin qabnu” jedhan irratti tarkaanfii laalessaa fudhachaa jiraachuu maddeen keenya kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Exit mobile version