ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025
Kufaatii dinagdee impaayerattii mudateen sodaa guddaa keessa kan seene murni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa kumaatamaan bobbaasuun uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaatiin gidiraa hamtuu keessa jiru saamsisaa jira.
Aanaa Jimmaa Gannatii gandoota akka:
- Daamuu Geemboo,
- Gabaa Qidaamee,
- Lalisa Biyyaa,
- Caaroo Goobanoo fi
kanneen biroo hedduu keessatti saamichi hawaasa harka qalleeyyii irratti raawwatu bifa garaa garaan jabaatee itti fufee kan jiru yoo ta’u, gosti kaffaltii kunis; deggersa milishaa, qawwee bituu, deggersa Paartii, ijaarsa mooraa mana barumsaa, ijaarsa waajjira gandaa, Buusaa Gonofaa, Inshuraansii fayyaa fi kkf itti tarreessanii kaffaltii nagahee hin qabneen saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni ONM’tti himan.
Kana malees, aanicha keessatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa guyyuun lammiilee nagaa irratti raawwatus daran hammaatee jiraachuun dabalataan eeramee jira.

