Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii keessatti hidhaan murna maafiyaa Bilxiginnaatiin hawaasa nagaa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufuun himame

ONM-ABO Guraandhala 4, 2026 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Addileeqaa Tulluu Caalii keessatti gaafa Amajji 31, 2026 lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa nama maqaan ishee; Aadde Daadhituu Gammachuu Jaaluu jedhamtu sababa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta” jedhuun reebicha ulfaataa irraan ga’uun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hanga ammaatti dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti Aadde Daadhituun maanguddoo ganna 65 olii tuttuqqaa siyaasaa kamiyyuu kan hin qabne yoo ta’an, murni naasuu tokkollee dhala namaaf hin qabne ergamtoonni sirnichaa garuu sababa sobaa itti maxxansuun gocha jabinaa kana irratti raawwachuu himuun, reebicha irra ga’eenis miidhaa qaamaa ulfaataaf saaximuun yeroo ammaa kanas mana hidhaa keessatti fayyummaan ishee haala yaaddessaa keessa jiraachuu himaniiru.

Maqaa nageenya uummataa mirkaneessuu jedhuun golee Oromiyaa mara keessatti hoomaa waraanaa bobbaasuun dhiittaa mirga namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa kan jiru Bilxiginnaan, addatti ammoo sababoota Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa lattu, nyaataa fi dhiyeessii adda addaa kennitu jedhuun qonnaan bultoota Oromoo hiraarsuu hojii idilee taasifatee jiraachuun kan beekamudha.

Exit mobile version