Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtoonni maafiyaa PP Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii keessatti hawaasa nagaa hidhaatti guuruu hammeessanii jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Guraandhala 1, 2026 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu Jimmaa keessatti gara jabeeyyiin lukkeelee Bilxiginnaa gaafa Amajji 29, 2026 hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Darajjee Jabeessaa,
  2. Asmaraa Namarraa,
  3. Balaachoo Qanaatee fi
  4. Armaatuu Waamii 

jedhaman badii tokko malee hidhaatti guuruun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti namoonni kunneen yakka qabaatanii osoo hin taane lafa qonnaa isaanii kan armaan duraa boqqolloo fi waantota biroo irra facaafachaa turan yeroo ammaammoo jaleewwwan Bilxiginnaa qamadii qotuu qabdu jechuun wayita dirqisiisuuf yaalan qonnaan bultoonni kunneen ammoo ” lakki lafa keenyarra qamadii caalaa midhaan gosa biroo yoo facaafanne irra bu’aa arganna” wayita jedhan akkamitti qaamota mootummaatiin waan isinitti himame diddu jechuudhaan hidhaatti darbachuu dubbatu.

Gara jabeeyyiin Bilxiginnaa gibiraa fi sababoota biroo dahannoo taasifachuun dararaan nurraan ga’aa jiran isaan ga’uu dideennaan yeroo ammaammoo, Waan isin oyiiruu keessan irra facaafattan nutu isinii beeka jedhanii hirarsasaa ulfaataa nurraan ga’aa jiru kan jedhan maddeen, Yeroo ammaa kanas gosa midhaan lafti keenya hin baafne akka qonnuuf dirqisiifamnee qaama itti iyyannus dhabnee rakkoo hamaa keessa jirra jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version