Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii keessatti waraanni maafiyaa PP, namoota nagaa saamuu cimsee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 22, 2024

Lukkeeleen bilxiginnaa afaan qawwee uummata Oromootti qabuun dararaa ulfaataa irraan geessisaa kan jiran yommuu ta’u, hawaasni meesha maleessi lubbuu isaaf sodaachuun dirqamee waanuma isaan jedhan gochuun garmalee hiraarfama guddaa keessa jira.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii keessatti waraanni maafiyaa PP, namoota nagaa sababa tokko malee saamuu cimsee itti fufe.

Hagayya 17, 2024 milishoonni PP namoota gandoota baadiyyaa aanichaa irraa gara gabaa magaalaa deeman irraa sababa tokko malee dirqamaan qarshii  funaanuu isaanii jiraattonni himan.

Akka jiraattonni aanichaa dubbisne himanitti, “nuyi isiniif jennee qe’ee fi maatii keenya dhiisnee as teenya waan ta’eef, nyaata nuuf kennaa jechuun dirqamaan mana manarra deemanii nyaataa fi waan fedhan namarraa saamu” jechuun dubbatan.

Haa ta’u malee milishootnis ta’e qaamoleen Bilxiginnaa maqaa olaantummaa seeraa kabachiistuun barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman, dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf saamicha geggeessaa jiraachuu jiraattotni bakkoota adda addaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaa jiru.

Exit mobile version