• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa bifa adda ta’een jiraattota saamuu itti fufan

Feb 16, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025 

Kufaatii dinagdee impaayerattii mudateen sodaa guddaa keessa kan seene murni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa kumaatamaan bobbaasuun uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaatiin gidiraa hamtuu keessa jiru saamsisaa jira.

Aanaa Jimmaa Gannatii gandoota akka: 

  • Daamuu Geemboo, 
  • Gabaa Qidaamee, 
  • Lalisa Biyyaa, 
  • Caaroo Goobanoo fi 

kanneen biroo hedduu keessatti saamichi hawaasa harka qalleeyyii irratti raawwatu bifa garaa garaan jabaatee itti fufee kan jiru yoo ta’u, gosti kaffaltii kunis; deggersa milishaa, qawwee bituu, deggersa Paartii, ijaarsa mooraa mana barumsaa, ijaarsa waajjira gandaa, Buusaa Gonofaa, Inshuraansii fayyaa fi kkf itti tarreessanii kaffaltii nagahee hin qabneen saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni ONM’tti himan.

Kana malees, aanicha keessatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa guyyuun lammiilee nagaa irratti raawwatus daran hammaatee jiraachuun dabalataan eeramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading