Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti loltoonni Bilxiginnaa dubartoota irratti reebichaa fi hidhaa raawwatan

ONM-ABO Bitootessa 2, 2025 

Aanaa Jimmaa Gannatii ganda Lalisaa Biyyaa jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa dubartii maqaan ishee Deessisee Amsaaluu jedhamtu “Waraana Bilisummaa Oromootu qawwee si bira kaa’e” jechuun Gurraandhala 26, 2025 reebicha hamaa irraan gahanii yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu ishee jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Kana malees, aanaadhuma kana ganda Hagayyaa jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa dararaa hawaasa irratti raawwatan jabeessuun badii tokko malee dubartoota maqaan isaanii:

  1. Baacanii Nagaasaa,
  2. Tamiree Dabaloo,
  3. Mulunesh Balaachoo,
  4. Zoodituu Tasfaa, 
  5. Giddituu Dassaalee fi 

dubartoota baay’inaan 25 ol ta’an “abbaa manaa keessan fidaa” jechuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.

“Abbaa manaa keessan hanga fiddanitti as keessaa ba’uun hin jiru” jechuun doorsisaa kan jiranii fi kutaalee Oromiyaa cufa keessatti waraanni maafiyaan PP maatii qabsaa’otaa fi hawaasa nagaa sababa tokko malee hiraarsuu itti fufanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version