ONM-ABO Adoolessa 3, 2024
Murnoonni bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa hin beekne dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda akkuma barbaadanitti akka kubbaatti dhiituun safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsuu kan amaleeffatan, godina Lixa Shaggar ona Baakkoo Tibbeetti saamicha, reebichaa fi hidhaa raawwachuun ibsameera.
Dubartoota Oromoof safeeffannaa kan hin qabne loltoonni sirnichaa, Adoolessa 1, 2024 ganda Walqixxummaa Bakka Areeree jedhamu irraa Aadde Caaltuu Dhugaasaa kan jedhamtu irratti badii tokko malee sababa Oromummaa ishee qofaaf reebicha garmalee hamaa ta’e irratti raawwachuun arrabsoo cimaan qorqalbii ishee miidhanii sangoota lama jalaa saamuu isaanii jiraattonni gandichaa eeranii jiru.
Kana malees, onuma kana ganda Aduulaal jedhamutti guyyuma dheengaddaa Adoolessa 1, 2024 nama maqaan isaa Asfawuu Guutaa jedhamu “deggeraa WBO’ti” jechuun rasaasa sadii irratti dhukaasuun marsanii qabanii reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda waajjira Poolisii onichaatti hidhanii jiraachuu fi onichatti dararaa ulfaataan jiraattota hedduu irra ga’aa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

