Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaanitti caasaan bilxiginnaa uummata irratti saamicha, hidhaa fi gudeeddii raawwatan

ONM-ABO Adoolessa 12, 2024

Ergamtootni bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa hin beekne safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsuu kan amaleeffatan, godina Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaanitti uummata saamuu, gudeeduu fi hidhaatti guuraa jiraachuun ibsameera.

Aanaa Iluu Galaan ganda Abakuu Aannoo jedhamu irraa loltoonni impaayera Itoophiyaa Adoolessa 3, 2024 badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun namoota maqaan isaanii:

  1. Barattuu Guddattuu Aagasaa
  2. Barataa Muddiin Awwaluu
  3. Obbo Biraanuu Yiggallaxuu fi
  4. Obbo Rabbumaa Mokonnon kanneen jedhaman waajjira poolisii onichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.

Kana malees, loltoonni impaayera Itoophiyaa safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsuu akka ciminaatti ilaalan kun, guyyuma kana ijoollee shammarranii hedduu maatii isaanii biraa gadi waamuun afaan qawwee itti qabanii doorsisanii dirqiin gudeeduu itti dabaluun jiraattotni ibsan.

Aanaadhuma kana ganda Waddeeyyii Giraanchii jedhamutti dubartii maqaan ishee Warqinesh Mootummaa jedhamtu kan kanaan dura mana ishee jalaa gubanii turan, Adoolessa 3,2024 immoo horii gaanfaa 11 jalaa fudhachuun ishees badii tokko malee sababa Oromummaa ishee qofaaf hidhanii jiraachuu jiraattonni gandichaa dabaluun ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version