ONM-ABO Sadaasa 20, 2024
Murni Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufatti loltoota isaa bobbaasuun uummata Oromoo hiraarsaa kan jiru yoo ta’u, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqisuun himamee jira.
Ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa meesha maleessa afaan qawwee itti garagalfachuun dararanii qaama isaanii olii gammachiisuuf ifaajaa oolan aanaa Jimmaa Gannatii ganda Adiilee Leeqaa Tulluu Caalii jedhamu irraa torban darbe keessa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Taatoo Qalbeessaa,
- Obbo Misgaanuu Taatoo fi
- Obbo Wandimmuu Taaffasaa jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun maatii isaanii guutuu qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun jireenya gadadoo keessatti kuffisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni gandichaa ONM’tti himanitti, maatiin kunneen qaama siyaasaa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii kan jiraatan yoo ta’an, lukkeeleen faashistii PP immoo, maqaa ”hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqisuu dubbatu.

