ONM-ABO Fulbaana 23, 2024
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti uummanni Oromoo mirga namoomaa fi diimokiraasii sarbamuun, dagaagina aadaa, amantii, eenyummaa isaa fi kanneen biroo mulqamuun baroota durii irraa kaasee rakkachaa kan jiru yoo ta’u, har’as haala hamtuu ta’een sarbama mirgaa keessa jira.
Bilxiginnaan saba Oromoo eenyummaa isaa balleessee akka isaaf ta’uun bulchuuf jecha dhimmoota amantaa keessa seenuun abboota amantaa hidhee wagggottaniif hiraarsaa akkuma ture, har’as namoota sabaan Oromoo ta’uun afaan keenyaan waaqeffachuu qabna jedhan danuu hidhaatti guuree dararaa jira.
Kana malees dhimmota bu’uraa fi murteessoo ta’an irratti hawaasa afaan qabachiisanii bulchuuf Bilxiginnaan leellistoota sirna nafxanyaa garee Faannoo jedhaman qindeessee namoota hiraarsaa akka jiru jiraattonni godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa bulchiinsa magaalaa Arjoo Guddattuu ONM’tti himaniiru.
Qarshiin mana amantaa irraa dhibbantaan waggaa waggaan fudhamee meeshaa waraanaa bituun abbootiin amantaa kanneen leellistoota sirna nafxanyaa ta’an hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa hidhachiisaa jiru. Gocha egeree keenyaaf yaaddessaa ta’e kana qaama itti himannu dhabuun haala hammaataa keessa jirra jechuunis jiraattonni himan.

