Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Afaan Oromoon akka hin Tajaajilamneef waraqaa dhorkaa nurratti labsan jechuun amantootni Ortodoksi Tawaayidoo godina Qellem wallagga magaalaa Dambii Dollloo dubbatu

ONM-ABO Fulbaana 5, 2023

Amantaa fi siyaasni wal keeessa kan hin deemnee fi amantiin bilisummaan isaa kan kabajamuu dha jechuun heerri impaayerattii dubbatus moototni impaayerattii barcuma siyaasaa wal jijjiiran garuu harka keessa nyaachuun waan fedhan yeroo manneen amantaa irratti raawwatan argamu.

Baatii darbe Phaaphasota Sinodoosii Oromiyaa hundeessan hedduu isaanii, geggeessitootaa fi amantoota mana amantaa Ortodoksii mana hidhaatti galchuun dararaa kan jiru Abiy Ahimed amma ammoo Fulbaana 2, 2023 irraa kaasanii labsii afaan Oromoon akka hin tajaajilleef karaa kaabinoota murna PPn ergamaniin Dambii Dolllootti uggurri tajaajilaa afaan Oromoo waraqaan mana amantaa seenuun baramera.

Magaalaa Dambii Doollootti Phaaphaasii mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaan kaa’ame amantootni hin fudhannu jedhanis, caasaan murna bilxiginnaa Oromiyaa hanga godina Qellem Wallaggaatti jiru dhiibbaa gochuun seensisanii turan.

Amantootni magaalaa Dambii Doolloo kallattii adda addaan mormii kenniinsa tajaajila amantichaa eenyummaa Habashootaan guute irratti agarsiisuun afaan Oromoon akka jabaatu sochii isaanii itti fufanis qaamni bulchiinsa godinichaa xalayaa kanaan ugguruu isaatti gadduu amantootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version