Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhaan magaalaa Naqamteetti amantoota Ortodoksii afaan Oromoon haa lallabamu jedhan irratti jalqabe jabaatee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 15, 2023

Dursitootni mana amantaa Ortodoksii Tawaayidoo kutaa lallabaa baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee Oromummaan hidhamaa jiran erga amantootni phaaphaasii  mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaan ramadame hin fudhannu jedhanii jabaatee itti fufee jira.

Hagayya 14, 2023 waraanni faashistii PP amantoota mana qulqulluummaa keessaa walitti qabuun hidhanii jiru.

Amantootni badii tokko malee gaaffii mirgaaf hidhaman maqaan isaanii angafa farfattootaa Luba Soorii Guddatoo, hoj-geggeessaa Mana lubbumaa magaalaa Naqamtee fi naannawaa ishee luba Wandimmuu, hoogganaa mana amantaa Bataskaana Gabri’eelii Naqamtee Luba Abaatee waliin namoonni 39 guyyaa kaleessaa qofa hidhamuu amantootni dubbatu.


Hidhaa kana keessa namootni akka Gaaddisaa Sibiraa, Addisuu Gudar, Amaanu’eel Hirphaa, Gammachuu  Shibbiruu, Taayyee Dastaa, Eebbisaa Gaarummaa fi Ebbisee Amayyaa kan jedhaman keessatti kan argaman yoo ta’an, sababa uummatni phaaphaasota Waldaa Amantaa Ortodoksii Itoophiyaan ramadaman mormuun phaaphaasota Sinoodosii sabaa fi sablammootaan muudaman fedhaniif, maaliif kan leellistoota  sirna nafxeenyaa hin fudhattan jechuun waraanni Abiy Ahimed dheengadda Hagayya 13, 2023 namoota 120 qabee hidhuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version