ONM-ABO Ebla 29, 2025
Hundeeffamuu sinoodosii Oromiyaa hordofee gareen sinoodosii Itiyoophiyaan tumsaman dhiibbaa afaanii fi eenyummaa irratti xiyyeeffate raawwachuun waggoottan lamaa oliif gidiraa adda addaa qaamolee Bilxiginnaa waliin raawwachaa jira.
Angafni phaaphaasii kutaa lallabaa Kibba Lixa Shaggarii fi barreessaa olaanaan qulqulluu siniodosii Abbaa Saawiroos manni kiristaanaa beekamtii dhorkatus Sidoodosii Oromiyaa fi sabaa fi sablammoota Itiyoophiyaa ijaaruun walitti fidanii akka turan kan beekamu oggaa ta’u, dhiibbaa fi doorsisa gareen leellistoota sirna durii qaamolee Bilxiginnaa waliin irratti taasisaa jiraniin amantootaa fi abbootii amantaa irratti miidhaan afaan ofiin tajaajilamuu dhabuu irra ga’aa akka jiru beekameera.
Keessattuu godinaalee Lixa Oromiyaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Baha Wallaggaa, Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaatti rakkooleen geggeessummaa afaaniin wal-qabatu jabaatee itti fufee kan jiru geggeessaan sinoodosii Oromiyaa ugguramuu hordofee Abbaa Rufaa’eel kan jedhamu garee Sinoodosii Itiyoophiyaan tumsaman qabatee abbootii amantaa hedduu hiisisuu, hojii irraa ari’uu, fi walitti bu’iinsa amantoota gidduutti uumaa jiraachuu ONM amantoota irraa odeeffateera.
Kana malees torbanoota kana keessa godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doollootti dhibdeen guddaan uumamee kan jiru yoo ta’u, geggeessaan sinoodosii Itiyoophiyaa bakka bu’uun dhufee jiru abbaan Rufaa’eel daranuu seerotaa fi qajeelfamoota amantootni morman fiduun hokkorri guddaan amantoota gidduutti uumamee jiraachuunis ibsameera.
Dabalataanis abbaa Rufaa’eel kan jedhamu kun qaamolee Bilxiginnaa waliin ta’uun warreen Siinoodoosii Oromiyaa deggeran irratti miidhaa kan geggeessisaa jiru yoo ta’u, Ebla 27, 2025 namoota isaaf amanamoo ta’an sadii gara Finfinneetti erguun hojiilee loojistikaa hidhata amantaan ala hojjechaa jiraniifis gabaasa dhiyeessaa akka jiran addeeffameera.
Baruma 2025 kana keessa hojii isaanii kanaaf eebba Bataskaana Maaraamii aanaa Anfilloo ganda Waabaa Eebbaa irratti akka hin argamne geggeessitootni gandicha taasisanii turuun ni beekama.

