ONM-ABO Guraandhala 5, 2024
Hundeeffamuu sinoodosii Oromiyaa ilaalchisee okkorri jabaan geggeesitootaa fi amantoota irratti karaa waraana faashistii PP taasifamaa ture yeroo ammaas jabaatee jiraachuutu dubbatama
Akka maddeen jedhanitti hundeefamuu Sinoodosii Oromiyaa teessoo Pheexiroos waggaa tokkooffaan isaa Amajjii 23,2024 geggeefamee bu’uura seeraa kan hin qabneedha jechuun mootummaan impaayera Itoophiyaa bulchu abboota amantaa 10 qabee hidhaan hiraarsaa akka jiru maddeen himan.
Abbootni amantii hidhamanii jiranis maqaan isaanii abbaa Gabreel,abbaa Barsumaa fi abbaa Iyyaasuu kanneen jedhaman dabalatee namootni maqaan isaanii nu hin geenye 7 bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii keessatti hidhuun reebicha ulfaata abboota kana irratti raawwataniinis abbaan Iyaasuu gurrii isaanii tokko duuduunii fi miilli isaanii mirgaan akka cabes dabaluun himan.
Rakkoon walitti bu’insa Sinoodosii Oromiyaa fi Sinoodosii impaayera Itoophiyaa gidduutti uumamee jirus rakkoo afaan ofiitiin tajaajilamuu waan ta’eef wal dhibdeen kunis akka laayyootti kan ilaalamu miti jechuun jiraataan magaalaa Shaggar Siitii tokko ONMtiiif yaada isaa kenneen ibseera.

