ONM-ABO Hagayya 7, 2023
Manni amantaa Ortodoksii Itoophiyaa dhiibbaa aadaa fi afaanii Oromoo dabalatee saboota impaayerattii keessatti argaman irratti raawwachaa ture mormuun sinidoosiin sabaa fi sablammootaa hundeessanis, murni faashistii PP Abiy Ahimed doorsisa irraan ga’uun akka walitti dabalaman taasisan.
Jijjiiramni bu’uuraa mana amantichaa keessa akka dhufu kan fedhan hordoftootni amantaa Ortodoksii ilmaan Oromoo ta’an, phaaphaasota sinodoosii sabaa fi sablammootaa muudaman malee hin fudhannu jechuun mormaa jiru.
Dheengadda galgala Hagayya 5, 2023 irraa qabuun phaaphaasii manni amantaa Ortodoksii Itoophiyaa ergite mormuun hordoftotni amantichaa magaalaa Dambii Doolloo keessatti sagalee isaanii dhageessisaa jiru.
Phaaphaasiin mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaan ramadamee dhufe Abuune Rufaa’el yoo ta’u, uummatni magaalaa Dambii Doolloo hordoftoota amantaa Ortodoksii ta’an bataskaana Madaaniyaalemii ganda 04 keessatti argamutti wal ga’uun phaaphaasicha akka hin barbaanne ibsatan.
Hordoftootni amantichaa phaaphaasii sinidoosii sabaa fi sablammootaa muudaman Abbaa Iyyaasuu kan jedhamu malee isiniin hin feenu yoo jedhan waajjirri dhimma nageenyaa obbo Tasammaa Waariyoo fi koloneelotni bilxiginnaa dirqamaan mana amantichaatti ol galchanii jiru.
Namootni mormii isaanii guyyaa kaleessaa dhageessisuuf yaalanis dhiibbaa waraana bilxiginnaan kan karaatti dhaabbate yoo ta’u, guyyaa har’aas uummatni abbaan Rufaa’el akka Dambii Doolloo gadhiisaniif gaafachaa jiru.
Mormiin phaaphaasota mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaan Oromiyaa keessatti ramadaman irratti jabaachuun torbee darbe Naqamtee fi Gimbii keessattis kan geggeeffame ta’us murni faashistii PP namoota koree ta’uun mormii kana sochoosan qabanii hidhaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

