Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti dargaggoon lama mana amantaa Ortodoksii Tawayidoo keessaa waraana maafi’aa PP’n baafamuun ajjeefaman

ONM-ABO Bitootessa 30, 2024

Amantaa fi siyaasni wal keessa miti, bilisummaan amantii jira jechuun heeraanis ta’e afaaniin kan hololaa oolu murni bilxiginnaa seera cabsuun impaayera Itoophiyaa keessatti abbootiin amantii fi miseensonni mana amantaa humnoota waraanaa impaayerattii tiksinaan yaa’aniin yakka tokko malee ajjeefamuun jabaatee jira.

Bifuma kanaanis dheengadda Bitootessa 28, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Sheeraa Qaamaa jedhamu keessatti waraanni gabroomfataa PP bulchiinsa magaalaa Begii irraa maqaa sakatta’insa WBO’n ba’an mana amantaa Ortodoksii Tawwaayidoo Gadaamii Maaramii Sheennaa jedhamu keessaa tajaajiltoota mana amantichaa kan ta’an dargaggoo Addunyaa Margaa fi Shuumaa Mokkonnon jedhaman qabuun Bitootessa 29, 2024 guyyaa kaleessaa ajjeesuun beekameera.

Yeroon ammaa kun amantoota Ortodoksii Tawwaayidoodhaaf yeroo Soomaa akka ta’e kan himan jiraattotni, namoonni mana amantaa deemuuf rakkoo waraana bilxiginnaan irra ga’aa jiruun abdii kutannaa keessa akka jiranii fi mirgi amantaa kabajamuu dhabuun qaama itti himatanis dhabanii akka rakkachaa jiran dubbatu.

Impaayera seerdhablummaan keessatti dagaage Itoophiyaa keessatti hawaasni Oromoo hirmaannaa siyaasaa tokko malee jibbiinsa murnichi irraa qabuun rakkoo fi roorroo hiriyaa hin qabne sababa Oromoo ta’eef qofa keessummeessaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version