ONM-ABO Fulbaana 11, 2023
Hundeeffamuu sinodoosii Oromiyaa fi sabaaf sablammootaa booda, dhiibbaa hamaan karaa tiksitoota impaayerattiin hawaasa Oromoo Hordoftoota amantaa Ortodoksii irra ga’aa jiru akkaan jabaachuun, kutaalee lallabaa adda addaa keessatti hidhamuu fi manneen amantaa illee akka hin seenneef uggurri irra ka’aamee jiraachuu ilmaan Oromoo hordoftoota amantichaa dubbatan.
Haaluma kanaan golee Oromiyaa garaa garaa keessatti abboota amantaa hedduu hidhuun, hedduu ammoo doorsisaa jiraachuu kan himan maddeen, Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo keessatti ammoo maallaqa gurguddaa kaffaluun dargaggoota ijaaranii Hagayya 16, 2023 guyyaa ayyaana Kidaanemiratii jeequmsa kaasuun, faarfataa Dirribaa Geetaachoo cuubeen Kan waraananii fi yeroo ammaa kana ammoo miseensota amantichaa hedduu afaan keessaniin hin tajaajilamtan jechuun doorsisaa jiru jechuun jiraattotni magaalaa Dambii Dolloo Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise himatu.
Dhiibbaan karaa sirnichaan ilmaan Oromoo hordoftoota amantaa Ortodoksii irratti raawwachaa jiru addatti godina Qellem Wallaggaa Horroo Guduruu Wallaggaa, Bahaa Wallaggaa, Lixa shaggarii fi magaalaa Shaashamannee keessatti jabaachuu kan himan maddeen, torban darbe Qellem Wallaggaa aanaa Haroo Sabbuu keessatti hordoftoota amantichaa walitti qabuun yaada afaan keenyaan tajaajilamna jedhu kaasnaan tokko tokkoon daandii gurraacha gubbaatti baafnee isin ajjeefna jechaa turuus gabaasan.

