Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa Lixa Wallaggaa Aanaa Aayiraatti hospitaala Sinoodosii kan dhaabbata amantaa Makkaana Yesuus ta’e qarshii miliyoona saddeet gibira gaafachuu hordofee hojjettoonni hospitaalichaa pirezidaantii dabalatee namoonni 5 ol hidhamuun dhaga’ame 

ONM-ABO Caamsaa 30, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraatti kan argamu hospitaalli Aayiraa kan dhaabbata amantaa fi gargaarsa biyya Garmaniin ijaarame Caamsaa 26, 2025 kaadiroonni PP waraana faashistiin tumsamanii qarshii miliyoona 8 akka gibira Bilxiginnaaf kaffalaniif dirqisiisuun barameera.

Bu’uuruma kanaanis hojjettoonni hospitaalichaa ogeessota fayyaa dabalatee hospitaalichi hundeeffamuu isaa irraa kaasee kaffaltii mootummaaf gumaachu gaafatamees hin beeku, nuti hojii hawaasaa hojjechaa jirra kanaaf waanti kaffallus hin jiru kan jedhan ta’us, waraana sirnichaan pirezidaantii hospitaalichaa dabalatee namoonni 5 ol hidhamuun gidirfamaa jiraachuun ibsame.

Hidhamtoonni kunneenis:

  1. Luba Alamuu pirezidaantii Sinoodosii Birbir Diillaa 
  2. Obbo Biraanuu Tuuchoo itti gaafatamaa Hospitaalichaa 
  3. Luba Ittaanaa, 
  4. itti aanaa pirezidaantii Sinoodosii Birbir Diillaa Obbo Badhaasaa Raggaasaa miseensa fi

kanneen biroon Kibxata darbe irraa kaasee hidhamanii akka jiran ibsameera.

Pirezidaantii Hospitaalichaa fi Sinoodosii Birbir Diillaa akkasumas itti gaafatamaa Hospitaalichaa dabalatee miseensota dhaabbatichaa hidhamanii jiran ilaalchisee hanga gabaasni kun qindaa’etti dhaabbanni amantaa Waldaa Kiristaanaa Makkaana Yeesuusii Itiyoophiyaa wanta jedhe hin qabu.

Akka waliigalaatti haalli uummanni keessa jiru, tajaajiloota isaaniif kennamaa jiru hanqachuu, dhiibbaa ogeessota fayyaa fi hojjetoota amantaa irratti raawwachaa jiru ilaalchisee sodaa guddaa keessa kan jiran yoo ta’u, shakkii hospitaalichi cufamuu mala jedhuunis yaadda’aa akka jiran ibsameera.

Hospitaalli Ayiraa kun lafa yaalii olaanaa ta’uun yeroo dheeraaf ilmaan Oromoo godina Qellem Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa tajaajila kan ture yoo ta’u, tajaajila qulqullina qabuu fi fayyaa dhukkubsattootaa argamsiisu irratti xiyyeeffatanii kennaa turuun uummatni naannichaa dhugaa ni ba’a.

Exit mobile version