Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Aayiraatti hidhaan waraana faashistii PP’n jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni ONM’f eeran

ONM-ABO Caamsaa 22, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa ganda Hoomii Suchii keessaa maatii qabsaa’otaa maqaa ilmaan keessantu miseensa WBO’ti fi Qeerroo Bilisummaa Oromooti jedhuun jumlaan ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu dubbatu.

Bifuma kanaanis namoonni kunneen Caamsaa 13, 2025 irraa eegalee walitti fufiinsaan guyyaa irraa gara guyyaatti hidhamaa kan jiran yoo ta’u, kanneen maqaan isaanii nu qaqqabe muraasni:

  1. Obboo Olaanaa,
  2. Addee Alamituu Tolaasa mucaa isaanii shamarree Koortuu Olaanaa waliin, 
  3. Obbo Alamuu Tafarraa muca isaanii  
  4. shamarree Leelloo Alamuu kan dhibee sukkaaraan dararamtu dabalatee namoota danuu hidhanii akka jiran ibsameera.

Onichuma ganda Warra Kuraa Sochii keessatti nama nagaa tuttuqaa siyaasa kam hin qabne kan maqaan isaa Magarsaa Baluudee jedhamu WBO waliin hariiroo qabda ittiin jechuun rakkisaa kan jiranii fi namni kunis daldaluun ilmaan isaa akka jiraachifatu kan dubbatan, garuu murni badii PP kun ammoo jibbiinsa ilmaan Oromoof qabaniif Oromummaa isaa qofaan rakkisaa akka jiran dabaluun ifoomsanii jiru.

Exit mobile version