Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Amantoota Ortodoksii Tawaayidoo Sinoodosii Oromiyaa 120 magaalaa Naqamteetti yoo hidhan, magaalaa Gimbiitti ammoo phaaphaasiin uummata waliin hin mari’adhu jechuun mana keessaa hin ba’in hafuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 14, 2023

Rakkoon impaayera Itoopiyaa keessatti karaa geggeesitoota murna bilxiginnaan dhalate babal’achuun amantoota irratti dhiibbaa hamaan kara murnichaan jabaatee jira.

Hagayya 13, 2023 godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti amantootni Bataskaana Ortodoksii Tawaayidoo Sinoodoosii Oromiyaa Magaalaa Naqamtee mana amantaa qulqulluu Gabri’eel deemuun mormii nuti afaan keenyaan tajaajilamuu qabna jedhanii dhageessifataa turan irratti caasaan bilxiginnaa waraana itti bobbaasuun amantoota 120 bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 05tti hidhanii reebicha irratti raawwatanii jiru.

Oduma wal fakkaatuun godina Lixa  Wallaggaa magaalaa Gimbii keessatti ammoo geggeesitoota manneen amantaa  aanota godinichaa keessa jiran walitti dhufuun waajjira mana amantichaa teessoo phaaphaasiitti yeroo deeman phaaphaasiin godinicha seenee jiru gadi ba’ee uummata waliin haasaa taasisuu dhiisuun barameera.

Exit mobile version