ONM-ABO Bitootessa 18, 2025
Bulchiinsa magaalaa Galaan keessatti barattoonni Oromoo sadarkaa lammaffaa (9-12) baratan rakkoo ulfaataan gama afaaniin barsiisota irraa isaan mudataa jiraachuu barattootni ONM dubbise himan.
Barsiisonni gosa barnootaa adda addaa Afaan Ingiliziin barsiisan hundi dhuma irratti Afaan Amaaraan ibsa waan ittiin kennaniif ilmaan Oromoo danqamaa jiraachuus himu.
Barattoonni Oromoo hedduun rakkoon kun garmalee itti ulfaachuu ibsuun, kutaa hoogganaa mana barumsichaa deemanii “Oromiyaa keessa jirra waan ta’eef, Afaan Oromoon ibsi nuuf haa ta’u” jedhanii yoo gaafatan iyyata barattoota kanneenii kuffisuun “ergama qaama biraa dhuftan; yoo siniif galuu dide dhiisaa galaa” jechuun gama biraatti hiikkatanii ofirraa ari’uun baramee jira.
Kana malees, barattoota godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa magaalaa sanatti barachuuf deeman waraqaa eenyummaa gandaa yoo qabaatanis, kan magaalaa sanaa dhorkachuun baay’ee rakkisuu fi waraqaa eenyummaa biratti waraqaa qulqullinaa Bilxiginnaa irraa kennamu gaafataa kan jiran ta’uun eeramee jira.
Murni garboomfataan impaayerattii Bilxiginnaan karaa hoogganaa isaa faashisticha Abiy Ahimed yeroo jalqaba qabsoo Oromoo butee aangootti ol ba’e, “Afaan Oromoo afaan federaalaa goona” jedhee ture, jechi baga gammaddaniin sun hanga ammaatti viidiyoon isaa marsariitii irra naanna’uu malee qabatamaan lafa irratti hin mul’anne.

