ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024
Kallattii fi akkaataa isaaniif danda’ame maraan uummata Oromoo cabsuuf kan carraaqan ergamtoonni bilxiginnaa, yeroo adda addaatti maqaa gosa kaffaltii garaa garaa itti dhahuun akka uummanni Oromoo dinagdeen quucaree boquu ol hin qabanneef saamicha hamaa ta’e irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Aanaa Baddannoo araddoota hunda keessatti ergamtoonni sirnichaa yeroo ammaa kana manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa barattoota baratan irraa maqaa kaffaltii “Buusaa Gonofaa” jedhuun maallaqa guuraa kan jiran yoo ta’u, kanneen kaffaluu hin dandeenye ilmaan harka qalleeyyii ta’an ammoo barnoota irraa ari’aa jiraachuun ifoomeera.
Akkaataa kanaanis, barattoota daree gadaanaa baratan kutaa 1-3 baratan irraa qarshii 30, kutaa 4-8 kanneen baratan irrraa qarshii 50 fi kanneen sadarkaa lammaffaa baratan ammoo qarshii 100 yoo kaffaltan malee hin barattan jechuun dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Yeroo ammaa kanas, dinagdeen bilxiginnaa qilee bu’uun, manneen barnootaa keessattillee maqaa kaffaltii jedhuun ilmaan hiyyeessaa baratanii akka hin jijjiiramneef barnoota irraa dhorkuun akka isaan waraana ta’anii impaayera jiguu geesse suphaniif jecha ergamtoonni bilxiginnaa shira xaxaa jiraachuun beekameera.

