ONM-ABO Bitootessa 2, 2025
Aanaa Guduruu guutummaa isheetti lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa Oromoo saamanii jiraachuu baran, maatii irraa kan isaan maqaa adda addaan saaman xiqqaannaan, gama barattootaattis ce’uun “gatii buusaa gonofaa kaffalaa” jedhuun rakkisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Ganda Waljaallachiisaa Sirbaa keessatti kan argamu mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Seenaa jedhamutti barsiisota mana barumsichaa dirqamsiisuun Gurraandhala 25, 2025 irraa eegalanii boqqolloo kubbaayyaa 30 guuraa jiraachuun himamee jira.
Maatii tokko keessaa barattoonni hedduun yoo jiraatan ilaalchi isaaniif taasifamu tokkollee kan hin jirree fi waraana sirnichaan dirqamanii boqqolloo kana geessaa jiraachuun barameera.
Lukkeeleen Bilxiginnaa aanicha guutummaa keessaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa osoo hin jenne barattoota hunda irraa midhaan saamuu karoorfatanii kan jiran ta’uu fi akka Oromiyaatti duulli barattoota Oromoo irraa midhaan guuruu karaa Kaadiree Bilxiginnaa Mogos Ida’ee jedhamu kan labsame ta’uun dabalataan ibsamee jira.
Haa ta’u malee maallaqni Buusaa Gonofaan uummata irraa funaanamu kaabinoota Bilxiginnaan nyaatamaa akka jiru ragaan gabaasa miidiyaa isaanii OBN irraa dhiheenya argame ni addeessa.

