Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraaroo irraa lukkeeleen PP maatii qabsaa’otaa irratti doorsisa raawwatan

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Lukkeeleen PP afaan qofaan nagaa labsaa faallaa isaa immoo gara jabina guddaan hawaasa meesha maleessatti garagaluun saamichaa hanga ajjeechaatti hawaasa Oromoo miidhaa jiru. 

Aanaa Siraaroo ganda Lokkee Adaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa gibiraa da’oo godhachuun qarshii hedduu guuraa kan jiran yoo ta’u, mana maatii qabsaa’otaa bira hoggaa ga’an gibira erga irraa fuudhanii booda guyyaa kaleessaa Amajjii 10, 2025 “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun ganna itti aanu akka lafa isaanii qotachuu hin dandeenyeef doorsisa adda addaa irratti raawwataa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Doorsisa ergamtoota bilxiginnaa irraa kan ka’e maatiin qabsaa’otaa yaaddoo guddaa keessa kan jiran ta’uu fi lafti isaanii gara fuula duraatti kan harka lukkeelee bilxiginnaan ugguramu taanaan jiraachuuf abdii tokkollee kan hin qabne ta’uu himan. 

Kana malees, ganduma kana irraa lukkeeleen PP kunneen dararaa geggeessan itti fufuun maqaa inshuuraansii fayyaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa, buusaa gonofaa, hirmaannaa uummataa fi kanneen biroo itti dhahuun qarshii guddaa saamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version