Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraaroo irraa lukkeeleen PP maatii qabsaa’otaa irratti doorsisa raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 22, 2025 

Loltoonni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa maqaa “ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jiraa, dafii galchi” jedhuun dararuu jabeessanii jiru. 

Aanaa Siraaroo ganda Lokkee Adaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaan “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jiraa, fidaa dhiyeessaa” jedhanii dararaa jabeessuun, nama maqaan isaa Obbo Eebbisoo Daammanaa jedhamu “ilma kee dhiyeessuu baannaan gatii kee ni argatta” jechuun Amajjii 18, 2025 erga hidhaatti darbatanii doorsisa lubbuu irratti raawwataa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Aanicha keessaa doorsisa ergamtoota Bilxiginnaa irraa kan ka’e maatiin qabsaa’otaa yaaddoo guddaa keessa kan jiran yoo ta’u, “ilma isaanii yoo fiduu baatan laftii fi qabeenyi isaanii gara fuula duraatti kan lukkeelee Bilxiginnaa akka ta’uuf karaa kaabinoota aanichaa murtaa’uun isaa barameera.

Exit mobile version