Kaadiroonni Biltsiginnaa Godina Iluu Abbaa Booraa walga’ii guddaa guyyaa sadiif magaalaa Mattuutti gaggeeffataniin tooftaa ittiin impaayera diigamte suphuun danda’amurratti murtee dabarfachuun dhagaa’ame.
ONM – ABO – Muddee 28, 2022 Murni barcuma aangoo siyaasaa Itoophiyaa of harkaa qabu biltsiginnaan impaayera shiraa baroota hedduun ijaaramuun uummata Oromootti copha taate itti fufsiisuu fii sirna naftanyummaa deebisee gadi dhaabuu kaayyoo kan taasifatee hojjechaa jiru, raafama har’a impaayerattiin keessa jirtu baraaruuf caasaa isaa gubbaa haga gadii akkasuma waraana isaa kumaatamaan Oromiyaatti bobbaasuun duula WBO balleessuu irratti fuullefatee socho’aa jira.
Bakkoota garaagaraatti kabinoota isaanii mariitti galchuun tooftaa ittiin milkaa’uu danda’an irratti wal dubbachiisaa kan jiran yoo ta’u, marii Oromiyaa bakkoota hedduutti kaadirootaan adeemsifamaa jiru kanaanis murteen Oromiyaa diiganii Oromoo dhabamsiisuun impaayericha suphan furmaata waaraa ta’uu kaa’uun hojjechuuf waliigalanii jiru.
Oduun dhimma kanaan wal qabatu godina Illuu Abbaa Booraatii baatee akka jettutti, kaabinootni biltsiginnaa godinichaa Wiixata irraa eegaluun haga har’a Muddee 28, 2022tti guyyaa sadiif magaalaa mattuu keessatti wal ga’ii irra kan turan yoo ta’u, akka godina isaaniitti hojimaata sirnichaa hojiitti hiikuu fi tooftaa ittiin impaayera Itiyooohiyaa suphuun danda’amu irratti waliif galanii ba’uu maddeen keenya nuuf heeraniiru.
Walga’ii kanaanis qabxiin guddaan irratti dubbatame dhimma WBO yoo ta’u, ammatti Impaayerattiif sodaa guddaan WBO waan ta’eef mala ittiin waraanicha dhabamsiisuun danda’amurratti dubbachuun hojiitti seenuuf kan waliif galan ta’uu fi sanaaf ammoo furmaata waanti jedhamu haalduree tokko malee akka raawwatu murteessaniiru.
Akkasuma walga’ichaan sabboontota ilmaan Oromoo ija mootummichaa biratti shakkiin ilaalaman godinicha keessaa sassaabuun mana hidhaatti darbachuu fi maqaa WBO deggartuun saamicha geggeessuuf murteessanii jiru.
Murtii isaanii hojiitti kan hiiksinaan akkasuma tarkaanfiis fudhachuuf ammoo raayyaa ittisa Impaayerattiitti dhimma kan ba’aan ta’uu kan himanii fi guyyaa walga’icha goolaban irraa eegalee akka godina Illuu Abbaa Booraatti hojiitti akka seenan illee ifoomsaniiru.
Walumaa galatti kaayyoon walga’ii Godinicha keessatti taasifamee dhimma Impaayera Itoophiyaa baraaruu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u sanaaf ammoo WBO balleessuu duula jettu eegaluuf murtiirra kan ga’amee fi WBO balleessuuf ammoo uummata Oromoo jaalala waraanichaa qabanii fi kaayyoo impaayerattii dura dhaabbatan balleessuu furmaata xumuraa godhachuu kan labsatanii dha.
Duulli akkasii waggoottan arfan darban Oromiyaa mara keessatti kan geggeeffamaa fi har’as guutuu Oromiyaatti waan itti jiruuf gocha akkasii kanaan qabsoon bilisummaa Oromoo duubatti hin deebi’u jechuun sabboontotni ilmaan Oromoo dubbataniiru.

