Godina Iluu Abbaa Booraa magaala Mattuutti miseensonni raayyaa ittisaa impaayera Itoophiyaa walitti dhukaasuun miseensi tokko wal irraa ajjeesuun himame.
ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2022
Waraanni sirna bilxiginnaa lola impaayeerattii keessatti geggeeffamaa jiru irratti hedduuminaan lubbuu dhabuu fi qaamaa kan miidhaman yoo ta’u , bakkoota hedduutti ammoo walitti dhukaasuun lubbuu wali galaafacha jiru.
Onkololeessaa 16, 2022 godina Iluu Abbaa Booraa magaala Mattuu keessatti galgala toora sa’a 2:00 akka lakkoofsa impaayeera Itoophiyaatti marfaata magaala Mattuu irratti miseensonni waraana bilxiginnaa walitti dhukaasuun miseensa waraana bilxiginnaa keessaa loltuu Mulgeetaa Alamaayyoo jedhamu ajjeesuu maddeen magaalaa Mattuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti sababni waraanni bilxiginnaa walitti dhukaasuun wal ajjeesaniif beekama ta’uu baatus, guyyaa lama duraa arrabsoon sanyummaa irratti xiyyeeffate fi wal qoodinsi gidduu isaanii akka ture maddeen himuun , sababa kanaan wal qabaate hanga ammatti gidduu isaanii wal dhabdeen kun itti fufee jiraachuu maddeen dabaalun ibsaniiru.

